Bulchiinsa Magaalaa
Shaggariitti Waajjiira Lafaa Magaalaa Shaggar
Beeksisa
Caalbaasii Liizii Lafa Marsaa 1ffaa
Waajjiirri
Lafaa Magaalaa Shaggar, iddoowwan tajaajila adda addaatif qophaa'an kanneen
Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Buraayyuu fi Malkaa Noonnoo argaman
caalbaasiidhaan dorgomsiisee liiziin dabarsuu barbaada.
Sanada
caalbaasii bitachuuf telebirr, toora intarneetii shaggarland.afrotender.com
ykn shaggarland.2merkato.com seenuun
onlaayiniin bitachuu fi sanadicha piirinti gochuun dorgomuu qabu.
Bittaa
sanada caalbaasii Ebla 05/2018 irraa eegalee hanga Ebla 22/2018tti sa'aatii
10:00tti guyyoota hojii walitti aananitti raawwachuu dandeessu; dorgomtootni
sanada deebii caalbaasii, CPO, ragaa dandeettii ijaarsaa agarsiisu, nagahee ykn
isliipii kaffaltii sanada ittiin bitatan fi ragaalee biroo dabalataan
qajeelfama dorgomtootaa irratti ibsaman poostaadhaan saamsuun hanga Ebla 22/2018
sa'aatii 11:30tti (waaree booda) naannoo Gootaraa/Kondominiyeemii Maammoo/Kolleejjii
Poolii Tekinikaa Nifaas Silk fuuldura/ argama iddichaa (Google Location) https://maps.app.goo.gl/toCJZwKSxr2Sxckv7?g_st=awb
iddoo Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar itti argamutti Gamoo Wiirtuu Tajaajila
Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaaggar darbii jalatti saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa
galchuu qabu.
Caalbaasiin
kun dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seeraa isaanii bakka argamanitti Ebla 28/2018
ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee guyyoota hojii 3 walitti aananiif Galma
Waajjirichi Dhimma Kanaaf Qopheessutti kan banamu ta'ee, ibsi dabalataa isaa beeksisa
keessaa irratti ni ibsama.
➢ Odeeffannoo bal'aa caalbaasichaa Gaazexaa Kallacha
Oromiyaa fi Gaazexaa 'Addis Zemen' Ebla 08/2018 bahe irratti ilaaluun ni
danda'ama. Dabalataanis, weebsaayitoota armaan olitti ibsaman irratti
odeeffannoo kana argachuu ni dandeessu.
➢ Waajjiirrii kun filannoo fooyya'aa yoo argate
caalbaasicha gar-tokkeenis ta'e guutummaatti haquuf mirgi isaa eegamaadha.
irraa
argachuun ni danda'ama.
Telecommunication
Shaggar City intends to implement real change and raise the standard of living for its citizens. we have achieved good results in the past years where we have been working for development with strong determination. we are acting together in a changing spirit to ensure the development of our people and bring about fundamental change.